AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017
Akka biyya ollaa fi Obboleeyyaniitti Itiyoophiyaan wayita qormaataa kana Ummata Sudaan cinaa ni dhaabbatti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad.
Itoophiyaan, Emireetoota Araba Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin ta’uun Konfiraansii Olaanaa deeggarsa namoomaa qopheessuu isheef gammachuutu natti dhagahama jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Biyyoonni lamaan hidhata gadifagoo kan qaban, qabsoo dhalootaa waloofi hawwii waloo akkasumas hidhata aadaatiin kan walitti hidhamanidha jedhan.