AMN Plus – Onkoloolessa 07/2018
Miseensotni Poolisii Magaalaa Finfinnee hojiilee misooma garagaraa Magaalittii keessatti hojjetaman daawwatan.
Laggeen magaalaa Finfinnee duraan bakka yakki itti raawwatamuufi holqa hattootni keessa dhokatan ta’uu miseensotni poolisii kunneen kaasan.
Yeroo ammaa garuu qarqarri laggeen Finfinnee misoomuun hojii nageenyaa hojjennuuf haala mijataa nuuf uumeeraa jedhan.
Misoomni Koriidariifi Qarqara Laggeenii Maqaa Gaarii Biyyaa Kan ijaareefi Turistoota Alaafi Keessaa Kan Ofitti Hawwatu ta’uus Eeraniiru.

Misooma Hojjetaman kanneen qulqullinaan Kunuunfamanii akka eegamaniif ga’ee isaanii kan bahan ta’uus ibsaniiru.
Komishinarri Komiishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu Gamasaaniin kaayyoon daawwannaa kanaa Miseensotni Poolisii Hojii Misoomaa Magaalaan Hojjetu yeroo kamiyyuu cina dhaabbatee deeggaraa waan tureef, bu’aa dhamaatii isaanii daawwatanii fuula duraaf kutannoon akka deeggaraniif ta’uu himan.
Misoomni hojjetame qulqullinaan eegamee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf ga’ee isaanii dirnaan akka bahaniif Iddoo guddaa qabas jedhan.
Abdiisaa Fufaatu Gabaase