Misoomni kilaastaraa argine badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolle akka ta’e ragaadha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Misoomni kilaastaraa argine badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolle akka ta’e ragaadha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS- Onkoloolessa 20/2018

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa keessatti Misoomni Kilaastaraa argine badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolle akka ta’e agarsiisa jedhan, Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa.

Daawwannaa Kilaastara Muuzii fi Paappaayaa godinichatti kaleessa taasisaniin, Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) yaada “qonnaan bultootni gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti cehaa jiru” jechuun kaasan kan mirkaneesse ta’uu dubbataniiru.

Qonnaan bultootni naannawa sulala qiinxamaa keessatti argaman kunneen Kanaan dura hanqina roobaa irraa kan ka’e sagantaa seefitii neetiin gargaaramaa turan ta’uu kan yaadachiisan Obbo Tamasgeen, amma garuu bishaan boollaafi laga Awaashitti fayyadamuun ofirra darbee gabaaf dhiyeessaa akka jiran ibsaniiru.

Qonnaan bultootni kunneen mul’ataan yoo hojjatan, mekaanaayizeeshiniin yoo babal’atu, walitti hidhamiinsi gabaa milkaa’aa yoo deemus qabatamaan arguu isaanii kan dubbatan Obbo Tamasgeen, mootummaanis hooggansa gahaa kennaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

“Ifaajjiifi qindoominni kun hundumtuu galmi isaa badhaadhina Itoophiyaati” kan jedhan Obbo Tamasgeen, galteewwan indastirii kanneen irratti hojjatamuun jijjiiramni milkaa’aa kun argamuun barri ol ka’iinsa Itoophiyaa dhufuu akka mul’isus ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply