Misoomni Kooriidaraa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru misoomni haqa qabeessi lammiilee bira akka gahu kan taasisu tahuun himame

You are currently viewing Misoomni Kooriidaraa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru misoomni haqa qabeessi lammiilee bira akka gahu kan taasisu tahuun himame

AMN PLUS – Ebla 09/2017

Misoomni Kooriidaraa magaalota naannoo Oromiyaa garagaraatti hojjetamaa jiru misoomni haqa qabeessi lammiilee bira akka gahuuf carraa uumuusaa Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa beeksise.

Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Birhaanuu Baqqalaa magaalota naannichaa 732 keessatti misoomni kooriidaraa hojjetamaa jira.

Kaayyoo ijoon misooma kooriidaraa magaalota keessatti bu’ura misoomaa babal’isuu, Pilaanii magaalotaa karaa ammayyaa fi sadarkaasaa eeggateen qopheessuu fi kanneen biroo ta’uu yaadachiisaniiru.

Daandiin lafoo, daandiin biskileetii, bakka konkolaataan dhaabatu, bo’oo lolaa, bakka bashannannaa, bu’uraaleen misoomaa kan akka bishaan, ibsaa fi teelee qindaa’aa Misooma kooriidariin ijaaramaa akka jiran dubbataniiru.

Hirmaannaan ummanni misooma kooriidariirratti qabu cimaa dhufuusaa eeranii namoota hedduuf carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumuu dubbataniiru. TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply