MM Abiyyi Ahimad dhimmoota misoomaafi tumsa ittisa waraanaa irratti V. Putiin waliin mari’atan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad dhimmoota misoomaafi tumsa ittisa waraanaa irratti V. Putiin waliin mari’atan

AMN PLUS- Fulbaana 15/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad Fooramii Torbee Atoomikii Idil Addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmoota misooma Anniisaa, Qonnaa, fayyaa fi tumsa Raayyaa ittisaarratti Pireezidaanti Putiin waliin marii bal’aa taasisaniiru.

Waliigaltee Misooma Anniisaa Niwukilaarii tajaajila hawaasummaaf oolu gabbisuu dabalatee dhimmoota fedhii biyyoota lamaanirratti mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply