MM Abiyyi Ahimad (Dr) Warshaa Oomisha meeshaalee aduurraa anniisaa maddisiisan daawwatan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (Dr) Warshaa Oomisha meeshaalee aduurraa anniisaa maddisiisan daawwatan

AMN PLUS- Hagayya 09/2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) magaalaa Hawaasaatti argamuun Warshaa oomisha meeshaalee humna aduurraa anniisa maddisiisu daawwataniiru.

Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, kana dura Veetinaamitti Warshaa Toyootti argamuun daawwannaa taasisaniifi pirezidaantii warshichaa waliin marii taasisaniin Itoophiyaatti oomisha meeshaalee anniisaa humna aduurraa maddisiisu dhaabuuf waliigalanii turuu yaadachiisan.

Har’a sun dhugoomee Paarkii Indastirii Hawaasaatti warshichi oomisha taasisaa jiru arguutti hedduu akka gammadan eeran.

Warshichi oomisha qulqullina qabu gahumsa olaanaafi teekinooloojii ammayyaaween oomishaa akka jiru eeran.

Damee manufaakchariingiinis daldala alaaf shoora olaanaa akka taphatu ibsaniiru.

Warshaaleen walfakkaatoon lama adeemsa ijaarsaarra akka jiran himuuniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply