AMN Plus – Onkoloolessa 09/2018
Haji Umar Idiris bara gaggeessummaa isaaniitti qaamoleen gara garaa akka gara tokkummaatti dhufan abbaa hojjechaa turan ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.
Dooktar Abiyyi Ahimad, Haji Umar Idiris du’aan boqochuutti gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsaniiru
Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii Muftii Haji Umar Idiris dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun akka lubbuun boqotan har’a dhaga’ameera.
Dooktar Abiyyi ergaa gaddaa dabarsaniin, Haji Umar bara hoggansaa isaaniitti Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa beekamtii seeraa akka qabaatuuf hojiin hojjetan yeroo mara kan yaadatamu ta’uu eeran.
Maatii isaaniifi hawaasa musliimaa Itoophiyaa maraaf jajjabina hawwaniiru.