Mootummaan Itoophiyaa bara bajata 2018tti guddina diinagdee dhibbantaa 9 galmeessisuuf karoorfachuu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen himan.
Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa 6ffaan, Yaa’ii Idilee Jalqabbii bara hojii 5ffaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti taa’aa jiru.
Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen haasaa baniinsaafi karoora mootummaa bara 2018 dhiyeessaniin
Itoophiyaan bara 2017 guddina dhibbantaa 8.8 galmeessisuu eeraniiru. Bara kanas Itoophiyaan hiyyuma keessaa bahuuf imala eegalte caalmaan itti fufti jedhan.
Hojiilee misoomaa damdaneessa hojjetamuun guddina diinagdee %9 galmeessuuf karoorri qabamuus himaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin