Mootummaan Ida’amuu cabiinsa kaleessaa wal’aanuun imala fuulduraaf kallattii kaa’a jedhame

You are currently viewing Mootummaan Ida’amuu cabiinsa kaleessaa wal’aanuun imala fuulduraaf kallattii kaa’a jedhame

AMN Plus- Onkoloolessa 13/2018

Kitaabni Mootummaa Ida’amuu, idaa dhaloota kaleessa irraa dhufe guutuun biyya fakkeenya taate ijaaruuf kallattii kan agarsiisu ta’uu ibsame.

Hojjettoonnifi Hooggantootni dhaabbilee mootummaa Magaalaa Finfinnee qabiyyee Kitaaba Mootummaa Ida’amuu irratti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) kitaabota 4 barreessuun abbaa mul’ataa ta’uusaanii sirnaan agarsiisuu hirmaattonni ibsaniiru.

Cabiinsa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa turan wal’aanuun biyya badhaate ijaaruurratti akka xiyyeeffatullee ibsame.

Seena Itoophiyaa kaleessaan, egeree ilaaluun hojjechuun hin turre kan jedhan hirmaattonni, hojiileen har’a hojjetamaa jiran, egeree dhalootaa kan giddu galeeffatan ta’uullee himan.

Kitabichi seenaa kaleessaa kan har’aa waliin walitti hidhuun kallattii fuulduraa akka agarsiisullee Hayyonni qaaccessa kitaabivhaa dhiyeessan ibsaniiru.

Mootummaa hundurraa, hundaan, hundaaf hojjetu ijaaruun Badhaadhinaaf akka hojjetamaa jirullee eerame.

Huddummina kabajuun biyya waloo waliin ijaaruun akka danda’amus hayyoonni kunneen eeraniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply