Morkii waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa PSG fi Intar-Miilaan

You are currently viewing Morkii waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa PSG fi Intar-Miilaan

AMN PLUS Caamsaa 23/2017

Tapha waancaa akkaan eegamuuf kilabni Itilii Intar-Miilaan fi kan Firaansi ‘Paris Saint Germain’ magaalaa Muunik dhaqaniiru.

Morkii dirree Aliyaanzi Areenaa halkan sa’aa 4:00’tti eegaluu kanaan kilabni sarara ittisaa akkaan jabaa ta’e qabu Intar-Miilaan kilaba qaalii kanneen taphattota saffisa cimaa of keessaa qabu PSG waliin falmii ijibbaataa falmatu.

Shaampiyoonaa waancichaa yeroo 3 kan ta’e

Intar-Miilaan erga akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2011 as morkichaan falmii mo’atanii darbuutii ol yoo imalu kan miilanaa kun kan yeroo 2ffaati.

Kilabichi akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010’tti shaampiyoonsi liigii Awurooppaa kan injifatee ture ammoo gaggeessummaa Joozee Morinhootiini.

PSG’n morkii kanaa xumuraaf gahee kan ture bara 2020 yoo ta’u kilaba Jarman Baayer Munikiin 1 fi 0’n mo’amuun waancaa malee gale.

PSG’n bara 2021 fi 2024 hanga walakkaa xumuraaf gahee kan ture yoo ta’u bara 2022 ammoo falmii mo’atanii darbuun dorgommichaan ala ta’e.

Gaaggeessitoota garagaraa jalatti taphattoota urjii addunyaa kanaa Zilaataan Abraahamoviichii,Neymaarii fi Liyoonel Andirees Meesiitii hanga Imbaappeetti mallattessisuun dheebuu waancaa shampiyoonsi liigii Awurooppaa bahuuf guddoo kan carraaqe kilabni Naasir Al-Keelaafii PSG’n leenjiisummaa Luwis Henrikeen taphattoota dargaggoo akka Omsaan Deembeelee, Vaarashikeeliyaa fi Jaawoo Neves faa’iin durfamee morkiin har’a taasiisu ni eegama.

Gareen Simoonee Inzaagii Intar-Miilaan taphattoota urjii sarara fuulduraa kanneen akka Laawutaaroo Maartinez ittisaa jabaa Denzel Daamfiriis akkasumas karra eegaa raajii hojjetu Yaan Soomariin durfamaa Muunik Aliyaanzi Areenaa irratti falmiin taasisan akkaan eegama.

Shampiyoonsii liigii bara 2015 Barseloonaa waliin injifatanii kan turan Lewis Henrikeen kilaboota Baarsaa fi PSG waliin waancaawwan 12 injifataniiru.

Tapha har’aan kan milka’an taanaan leenjisaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa kilaboota lama waliin injifatan 7ffaa ta’uun seenaa Kaarloo Anchelootii, Peeppe Guwaardiyoolaa fi Joozee Moorinhoo qooddatu.

Kanaan dabalata injifannoo jabaa waggoota 10 booda galmeessan ta’a jedhamee eegama.

Qabxii tokkoon caalamanii waancaa Seeri’A kan dhaban Simonee Inzaagii erga bara 2023 garee Peeppe Guwardiyoolaa Maanchister Siitiin mo’amanii dhabanii as yeroo jalqabaaf waancicha injifachuuf morkatu.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply