Pirimeerliigiin Ingilaandi barri wal dorgommii 2025/26 torbee 11ffaarra gaheera.
Tapha cima torbee 11ffaa liigichaan ammoo kilaboota waggoota 8 darban liigicha qofaatti dhuunfatan Maanchistar Siitiifi Liveerpuul beellama qabu.
Taphni kun leenjisaa Maanchistar Siitii Peep Joseef Gaardiyolaaf umrii bara leenjisummaa isaaniitti tapha 1000ffaa tahuun galmaa’a.
Kanaaf Etihaad dirreen Maanchistar Siitii wal morkii Liveepuul waliin kilabichi qabu keessummeessuun dabalata Peep nama deeggartootaafi waancaa liigichaa itti deddeebii’un walitti firoomsan haala adda taheen simachuu malaan tilmaama tapha duraan xiyyeeffannoo argateera.
Liveerpuul kan Arnee Islootiin durfamu shaampiyoona liigichaa bara darbee tahuun ammoo boqonnaa biroo miidhagina taphichaa tahuunis dhimmoota taphni Maanchistar Siitiifi Liveerpuul akka eegamu taasisan keessati.
Kilabootni lameen waggoota muraasaa as liigicha olaantummaan haa qabatan malee gahumsi bara wal dorgommii kana agarsiisaa jiran garuu deeggartoota ispoortii kubbaa miilaa amansiisaa hinjiru yoo jedhame salphata.
Arseenaal kilabni Siitiifi Liveerpuulitti aane dhiyeenyaa as lubbuu qaba, ni carraaqqata jedhamees torbee 11ffaa tapha liigichaan kilaba barana ol guddate Saanderlaandiin rifachuun Maanchistar Siitiifi Liveerpuul akka qixa bahan fedhii dhiphuun dabaalame keessa tahun eeguun isaa waan oolu miti.
Mikeehel Arteettaa leenjisaan Arseenaalillee akka qaaccessanitti tapha Siitiifi Liveerpuul daawwachuun qabaa ibsuun hawwattummaa taphichaa osoo hintaane ciniinnatan akka qixa bahan eeguuf fedhii qabachuun ibsameera.
Ammoo Arseenaal hojimanee ofii hojjechuu qabu dhiisee kan oollaa eeguun hangam isa tarkaanfachiisa laata dubbiin jettus hubatamuu qabdi.
Taphni Siitiifi Liveerpuul galgala sa’atii 1:30 tti eegala.
Dubbiin kun isiin deeggartoota ispoortii kubbaa miilaa biratti akkamiin tilmaamama?
Iddoosaa Abdiitiin