Mul’ata Badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf hunduu gaheesaa bahuu akka qabu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Laggasee Tulluu (Dr.) hubachiisan.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa sanada biyyoolessa mataduree ‘mahaal zaman ” jedhuun qophaa’e irratti marii’ataniiru.
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Laggasee Tulluu (Dr.) maricharratti akka jedhanitti dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa, gahumsaa fi itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaan bahannaan badhaadhina Itoophiyaa kan dhugoomsan ta’uu, milkaa’inoonni bara darbanii ragaadha jedhan.
Gareen Miidiyaa fi Komunikeeshinii itti gaafatamummaa itti kenname, faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa hubachiisuu,Tarsiimoo Mootummaa, karooraa fi raawwii beeksisuu ta’uu hubachiisaniiru.
Damee kana beekumsaan gaggeessuu fi ajandaawwan Faayidaa biyyoolesaa Itoophiyaa irratti kaafaman ittisuu fi ga’umsaan gaggeessuu ta’uu ibsaniiru.
Sanada marii mata duree Yemehal zemen /Jaarraa gidduu galaa/ jedhuun qophaa’e kan dhiheessan Ministir Deetan Tajaajila Ministeerichaa Tasfaahun Gobezaayi gama isaaniin, waggoottan 7 darabanitti hojiiwwan hojjetaman bu’uurarraa guddina galmeessaa jiraachuu ibsuun, jijjiirama kana itti fufsiisuuf cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Biyyattiin adeemsa jijiiramaa keessa kan dabarte humnoota gufuu ta’an mo’uu qofaan osoo hin taane ; qormaata uumamaa fi namtolchee ce’uun akka ta’es kaasaniiru.