Qaphixiiwwan Ijoo Ibsa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kenne irraa fudhatam:-

You are currently viewing Qaphixiiwwan Ijoo Ibsa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kenne irraa fudhatam:-

AMN PLUS – Amajjii 09/2017

Ibsichi dhimmoota Fooyya’insaa Diinagdee Gooroo, Nageenyaa fi Hojiiwwan bona kana raawwatamaa jiranii fi raawaataman irratti kan xiyyeefatee dha.

Hojii gama nageenyaa irratti hojjetaman ilaachisee:

 Mootummaan nageenyaa fi tasgabbiin biyyaa akka mirkanaa’uu hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa tureera, hojjetamaas jira,

 Keessumattuu naannolee wal-daangessan nageenya isaanii akka eeggattan gochuu keessatti aadaan nagaa itichuu akka waara’uuf hojiin waliin misoomuu gurguddoon hojjatamaa tureera,

 Sababa adda addaatiin kanneen meeshaa waraanaa kaasanii bosonatti galan karaa nagaatiin gaaffii isaanii akka dhiyeeffatan balballi nagaaf baname yoomiyyuu banaa ta’uu isaa,

 Haaluma kanaan fincilttoonni Naannoo Gaambeellaa fi Beenishaangul Gumuz keessa socho’aa turan waliin walii-galtee nageenyaa raawwatameen gara daandii jireenya nagaatti akka deebi’an tasifameera,

 Hoggantoonni fi Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta’an Naannoo Oromiyaa keessa socho’aa turan waamicha nagaa fudhachuun kan galan yoo ta’u gara jireenya nagaatti akka deebi’aniif leenjiin haaromsaa kennamaa jiraachuu,

 Naannoo Amaaraattis hidhatoonni fi hoggantoonni isaanii kumaatamaan lakkaa’aman waamicha nagaa mootummaa fi uummataa fudhachuun gara nagaatti deebi’aa jiraachuu isaanii,

 Komishiniin Haaromsa Biyyoolessa, naannoo hundumaatti kanneen waamicha dhiyaate fudhatanii karaa nagaan galaniif leenjii kennuun gara hawaasaattii akka makaman gochaa jiraachuu,

 Naannoo Soomaalee fi Affaarittis rakkoo nageenyaa ture furuuf hojiilee hojjetamaniin lammileen nagaa waaraa argachaa jiraachuu,

 Rakkoolee yeroo dheeraaf osoo hin furamiin harkifataa turan furuuf Komishiniin Biyyoolessa erga hundeeffamee kaasee hojiilee hojjetamaniin hojii ajandaa sassaabuu naannolee harka caalu irraa walitti qabeera, warreen hafan kan Naannoo Amaaraa fi Tigraayitti hojii wal-fakkaatu hojjechuuf haalli mijataan uumamaa jiraachuun ibsameera.

Tolasaa Mabraateetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply