AMN PLUS- Guraandhala 20/2017
Mul’ata waloo dhugoomsuuf tumsi naannoo hedduu barbaachisaa akka ta’e Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himaniiru.
Muummichi Ministeeraa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti simannaa ho’aa Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud taasisaniif galateffataniiru.
Muumichi Minsteera Pirezidaantiin Somaaliyaa waliin dhimmoota ijoo kanneen akka nageenya, diinagdee, dippilomaasii fi pirojektoota bu’uuraalee misoomaa waliin ijaaruu haala danda’amu irratti marii taasisuu isanii ibsaniiru.

Gaanfi Afrikaa qabeenya uumaan kan badhaate, lafa gabbataa kan qabduu, bishaan uumamaa fi human namaa hedduu kan qabduu ta’ullee nyaatann of danda’uu dadhabuu kaasaniiru. Kanaafu, mul’ata waloo dhugoomsuuf tumsi barbaachisaa akka ta’e eeraniru.
Guddina waloof dandeetii guddan akka jiru kan kaasan MM kophaa guddachuuf garu ulfaatadha jedhaniiru. Kanaafuu waliin dhaabbachuun egereef ifa guddaadha, tumsi naannoos furmaata waan ta’eef kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojjechuuf qophiidha jedhaniiru.
Jilli Ministira Muummeen durfamu daawwanaa Somaaliyatti gaggeesse xumuree gara biyyatti deebi’eera