AMN PLUS- Adoolessa 13/2017
Naannoo Oromiyaatti bara bajataa 2017’tti manneen murtii Aadaa mana murtii idilee waliin qindoomuun hojjechuun hojii haqa mirkaneessuuf keessatti qooda olaanaa akka gumaachan Pirizedaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasiimal ibsan.
Yaa’iin idilee 9ffaa m, waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa oolmaa isaa har’an Gabaasa Raawwii hojii bara bajataa 2017 Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa dhaggeeffachuun itti fufeera.
Bara kana hojii haqa mirkaneessuuf kallatti adda addaan sirna hojiimaataa foyyeessuun hojjetameen milkaa’inni jajjabeessaan argamuu dubbatan.
Mmanneen murtii Aadaa mana murtii idilee waliin qindoomuun tajaajila isaanii bal’inaan akka keennan taasifamuun isaa manneen murtiitti waliirratti kuufama dhimmootaafi galmeewwan murtee barbaadan hir’isuu keessatti qooda olaanaa bahachuu isaanii obbo Gaazaaliin himaniru.

Naannichatti manneen murtii sadarkaa Sadaniitti bara bajataa 2017 keessa galmeewwan 548,744 sochii irra turan keessa galmeewwan 532,724f furmaata keennuun dhibbeentaa 97 raawwiin milkii qabu galmaa’u isaa obbo Gaazaalii Abbaasiimal himaniiru.
Haqa waaraav hawaasaa mirkaneessuu, tajaajila si’oomina abbaa seerummaa ammayyeessuufi dhaqqabamummaa isaa guddisuuf hojiin bara bajatichaatti hojjatame bu’an jajjabeessaan galmaa’u himamameera.
Abbootii seeraa naamusaa cabsuun haqa hawaasni argachuu qabu dabasan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuunis ibsameera.
Bara Bajataa 2018 keessatti tajaajila manneen murtii kennan si’ataafi dhaqqabamaa taasisuun mirga haqa argachuu lammilee dhugoomsuuf kan hojjetamuu ta’us pirizedaantichi beeksisaniru.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.