AMN PLUS- Bitootessa 4/2017
Naannoo Oromiyaatti Qonna arfaasaa bara kanaan lafa heektaara miliyoona 1.7 misoomuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonna Oromiyaa beeksiseera.
Biiroon Qonnaa Oromiyaaa qophii qonna Arfaasaa oomisha bara 2017,dhiyeessii calla guddistuufi misooma bunaa irratti guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennee jira.
Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsa kennaniin godinaalee 9 rooba arfaasaa qabaniif yeroon akka sanyii facaasaniif qophii ga’aan taasifameera jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu,al ergii dabaluu,oomisha alaa galan kan biyya keessan bakka buusuuf hojjechaa jira.
Biiroon Qonnaa Oromiyaas Qonna Arfaasaa fi Gannaan cinatti inisheetiviwwan adda addaa bocuun jallisii boneen misoomsuun milkaa’inni hedduun galmaa’aa jira.
Qonna arfaasaan bara kana lafa hektaara miliyoona 1.7 misoomuun callaan kuntaalli miliyoona 40 akka argamuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Hanga ammaattis lafti hektaara miliyoona 1.1 qophaa’uus himaniiru.
Misooma bunaa ilaalchisees gabaan bunaa,hanga oomisha isaafi qulqullinni isaa dabaluun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu eeruun qaamoleen gatiin bunaa dabalaa jiraachuu ilaalanii of harkatti qabatanis akka gabaaf dhiyeessuu qaban waamicha dhiyaachuu BKO irraa odeeffanne.