AMN- Muddee 29/2017
Raayyaan Ittisa biyyaa hawaasa naannoo Afaaritti miidhaa sababa kirkiraa lafaatiin mudate gargaara jiraachuu isaa miseensii koreen komaandi poostii dhimma kanaaf hundeeffame Muusaa Adam (Dr.) beeksisaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa aanolee Awaash Fantallee fi Dulasaatti namoota sababa kirkira lafaatiin miidhaman bakkaa baasuun hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jiraachuun himameera.
Komaand Poostii Naannichatti Godina Gabbii Rasuutti hundeeffameen miseensa kan ta’anii fi Itti Aanaa Itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa naannichaa Dooktar Muusaa Aadam, Raayyaan Ittisa biyyaa, yeroo rakkinaa kan keesatti deeggarsa barbaachisu raawachaa jiraachu himuu isaani odeeffannoon Raayyaa Ittisa biyyaa irra argame ni mul’isa.