‎Naannoo Tigraayirraa Warqeen kuntaala 189 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyaate

You are currently viewing ‎Naannoo Tigraayirraa Warqeen kuntaala 189 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyaate

‎AMN PLUS- Hagayya 05/2017

‎Bara baajataa 2017 xumurametti Naannoo Tigraayirraa Warqeen kuntaala 189 Baankii Biyyaalessaatiif dhiyaachuu isaa Biiroon Albuudaa Naannoo Tigraay beeksise.

Itti Gaafatamaa Itti Aanaan Biiroo Albuudaa Naannichaa Obbo Tasfaalam Hadigu, bara baajataa xumurametti warqee Baankii Biyyaalessaatiif dhiyaate kanarraa galiin Birrii biiliyoona 250 ol akka argame ibsaniiru.

‎Namoota mala aadaatiin hojii albuuda adda addaa baasuurratti bobba’an kuma 50 ta’aniif carraan hojii akka uumame ibsaniiru.

‎Obbo Tasfaalam hojiin iddoowwan albuudaa adda baasuu maallaqaa fi maashinii hedduu akka barbaadu dubbataniiru.

‎Naannoleen gahumsa ittiin albuuda ittiin adda baasan akka hin qabnes itti dabaluun ibsuusaanii EPA’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply