Naannoon Benishaangul Gumuz warqee Kiiloo Giraama Kuma 1 fi 700 ol Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuu beeksise

You are currently viewing Naannoon Benishaangul Gumuz warqee Kiiloo Giraama Kuma 1 fi 700 ol Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuu beeksise

AMN PLUS- Onkoloolessa 13/2018

Naannoo Benishaangul Gumuzitti baatiiwwan darban sadanitti warqeen Kiiloo Giraama Kuma 1 fi 723 Baankii Biyyaalessaatti galii taasifamuu Itti gaafatamaan Biiroo Misooma Qabeenya Albuudaa naannichaa Obbo Tujjaanii Adam beeksisaniiru.

Dameewwan garaa gara irraa galiin birrii miliyoona 27 argamuu dubbataniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee gooroo mootummaan taasise, rakkoo daldala seeraan alaa furuun dhiyeessitootni warqee akka fayyadaman taasisuu irra darbee sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Teekinooloojiitti fayyadamuun akka qisaasama albuudaa hir’isu kan eeran Obbo Tujjaaniin, dhiyeessitootaaf hubannoon akka kennamu ibsaniiru.

Baatiiwwan darban sadanitti, damee albuudaan lammiilee 1,400 caalaniif carraan hojii akka baname dubbataniiru.

Daldalli warqee karaa seera qabeessa ta’en akka adeemsifamus hordoffiifi to’annoon jabaatee akka itti fufe ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.

Bara 2018tti warqee Kiiloo Giraama Kuma 7 ol Baankii Biyyaalessaatti galchuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply