Naayijeeriyaan duula lafoofi qilleensaan shorarkeeasitoota 400 galaafatte

You are currently viewing Naayijeeriyaan duula lafoofi qilleensaan shorarkeeasitoota 400 galaafatte

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

‎Naayijeeriyaan haleellaa qilleensaafi lafoon fudhatteen shorarkeessitoota 400 ajjeesuu beeksiste.

Yeroo dheeraaf Nageenya dhabuun qoramaa kan turte Naayijeeriyaan haleellaa qindoomaa qilleensaafi lafaan gaggeessiteen bulchiinsaa Zamfaraa jedhamutti shororkeessitoota 400 galaafachuu Humni Ittisaa biyyattii ibseera.

Dubbi himaan Humna Qilleensaa Naayijeeriyaa Ehiimeen Ejodaamee ibsa kennaniin, haleellichi Odeeffannoo basaaasa amanamaarra argameen booda raawwatamuun milkaa’uu ibsaniiru.

Pirezdaantiin Naayijeeriyaa Bolaa Tinuubuu baandotaafi shorarkeessitoota Kaaba Dhihaafi jiddu galeessaa keessa socho’an Karaa Nagaa yoo filanne carraan hunda eeggatuu kanuma jedhan.

Bobbii Waraana gaggeessan ammoo cimsanii akka itti fufsiisan dubbachuu Anadolu’n gabaaseera

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply