AMN PLUS- Onkoloolessa 19/2018
Ministirri Dhimma Alaa FDRI Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Jila Sudaan Kibbaa irraa dhufe Simatanii waliin mari’atan.
Jila Olaanaa Sudaan Kibbaa, Bulchiinsa Abiyee irraa dhufe Ministira Dhimmoota Afrikaa Bahaa Piing Deeng Kuul’iin durfamu waajjira isaaniitti simatanii kan haasofsiisan yoo ta’u, Deetaan Ministira Dhimma Alaafi Wal ta’iinsa Idil Addunyaa Sudaan Kibbaa, Akuyee Boonaa Maaluwaal’iifi kanneen biroo marii kana irratti hirmaataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimma waqtaawaa Sudaan Kibbaa keessumaa Bulchiinsa Abiyee irratti jila Sudaan Kibbaa wajjin mari’achuu isaanii Odeeffannoon Ministeericha irraa argame ni mul’isa.
Jilli kun Ijaarsa Hidha Haaromsaa xumuramee eebbifamuusaan ergaa “baga gammaddan” jedhu dabarseera.
Dooktar Geediyoon gama isaaniin, Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir eebba Hidha Haaromsaa irratti hirmaachuu isaaniif galateeffatanii, nageenyaafi tasgabbii Sudaan Kibbaa mirkaneessuuf Itoophiyaan kutannoon hojjachuu akka itti fuftu ibsaniiru.
Walta’iinsa Diinagdee Naannawaa cimsuuf Itoophiyaan walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf akka hojjattus dubbachuu isaanii eerameera.