Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa Nagaan goota akka qabu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, Nageenyi waraana caalaa gatii guddaa akka nama kaffalchiisu, obsa nama fixaachiisu yaadachiisuun nama dadhabaas akka nama fakkeessu addeessaniiru.
Obbo Tamasgeen Gootummaan nagaa gootummaa waraanaarra ni caalas jedhaniiru. Hidhattoonni filannoo nagaa hordofan, mari’achuuf fedhii qaban, daandii qaroominaa yaaluuf kutannoo kan qaban amma wiirtuuwwan leenjii haaromsaatti galaa akka jiran illee ibsaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa kun, hidhattootni duraanii gara nagaatti dhufuun isaanii gootummaa nagaati, ni dinqisiifatama jechuun “murtoo kanaan biyyi ni baraaramti, haati ni jajjabeeffamti, dacheenis nagaa taati; seenaan haaraa gootummaa nagaan ni barreeffama” jedhaniiru.
Gootummaan bara keenyaa inni guddaan gootummaa nagaa yoo ta’u, warri kaanis fakkeenya warra kanaa hordofanii filannoo nagaa akka simatan akka abdii qaban miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodaniiru.
Qaamolee hawaasaa gootummaa nagaa beekan, deeggaran, eebbisanii kan fudhatan, nagaa fi olaantummaa seeraaf kutannoo hin raafamne agarsiisaniif yeroo hunda galata guddaa akka qaban ibsaniiru.