Nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen paartilee siyaasaa olaanaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan

You are currently viewing Nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen paartilee siyaasaa olaanaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan

AMN PLUS- Adoolessa 16/2017

Nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheen paartilee siyaasaa olaanaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.

Konfiraansiin Nageenyaa mataa duree “Nageenyaa waaraa fiduuf gahee paartilee siyaasaa” jedhu qindeesummaa mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Itoophiyaafi ministeera Nageenyaan qophaa’e Magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa Jira.

Konfaraansii kana irratti Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis, waliitti Qabaan mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Itoophiyaa Obbo Solomoon Ayyaleefi hoggantoonni paartiilee siyaasaa biyyaattii garagaraa argamaniiru.

Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniin nageenyaa waaraa mirkanneessuuf gaheen paartilee siyaasaa olaanaa waan ta’eef dorgommii fayyaalessa taasisuuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu himan.

Wal diddaafi rakkoo nageenyaa marii fi marabbaan furuun barbaachisaadha kan jedhan immoo Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis dha.

Walitti Qabaan mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Itoophiyaa Obbo Solomoon Ayyalee gama isaaniin rakkoo nageenyaa darbe darbee muudataniif furmaata fiduuf gahee lammiilee hundaa akka barbaadu himan

Konfiraasiin kun guyyoota lamaaf kan adeemsifamu ta’uunis ibsameera

Dirribaa Yaadataa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply