Nageenya Waaraa mirkaneessuuf milkaa’inaan hojjetamaa akka jiru Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiris ibsan.

You are currently viewing Nageenya Waaraa mirkaneessuuf milkaa’inaan hojjetamaa akka jiru Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiris ibsan.

‎AMN PLUS- Hagayya 3/2017

‎Nageenya Waaraa fiduuf milkaa’inaan hojjetamaa akka jiru Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiris himaniiru.

‎Ministirichi Naannolee hunda fi bulchiinsa magaalota lamaanuu irraa hooggantoota qaamolee nageenyaa walitti dhufan waliin Adaamaatti mari’atee jira.

‎Marichi mata-duree “Nagaa keenya waareessuun, Itoophiyaaf ciminaan hojjechuu” jedhuun adeemsifamaa jira.

‎Ijaarsa nagaa biyya keenyaa, toftaa ittiin walitti bu’insa hiikuun danda’amuufi irratti hubannaa gahaa qabaachuun misooma cimsuu kan dandeessisu gaggeessummaa iftoominaa fi qophaa’ummaa qabu ijaaruun kaayyoo Waltajichaa akka tahe hubachiisameera.

‎Obbo Mahaammad Itoophiyaatti nageenyaa waarawaa mirkaneessuuf mootummaan hojiilee dandeessisan raawwataa akka jiru ibsaniiru.

‎Haala kanaan dirree siyaasaa ballisuu irraa eegalee balbala nageenyaa banaa gochuun hidhattootni naannolee garaa garaa keessa socho’an hedduun karaa nagaatti akka dhufan taasisuun akka danda’ame dubbataniiru.

‎Hojiileen Waamicha nagaa mootummaa, olaantummaa seeraa kabachiisu nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuun damdamannaa misooma biyyaatiif gahee taphachaa akka jiru himaniiru.

‎Miniteerri nageenyaa nageenya waaraa mirkaneessaa, hojiiwwan ijaarsa dhaabbilee cimsee akka itti fufu eeraniiru.

‎Deetaan Ministira Ministeera nageenyaa Keeyiraddiin Tazarraa (Dr.), Ajajaan ittisa yakkaa, Itti Aanaa Hoogganaa Poolisii Federaa Komishinara Jeneraalaa Malaakuu Fantaa dabalatee hooggantoonni Federaalaa fi Naannolees marii kanarratti argamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply