Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) nageenya Biyyaalessaa waaressuu ilaalchisee dhaabbilee nageenyaa waliin mariin taasifamaa ture goolabamuu himan. Badhaadhinni Itoophiyaa akka milkaa’uuf nageenyii fi tasgabbiin dhimma ijoo ta’uu eeran.
Hojiilee duudhaa fi aadaa ummataarratti hundaa’uun hojjetaman dabalataan gahee dhaabbilee nageenyaa olaanaa ta’uu eeran Dooktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Shira, Kashalabummaa magaalaa fi Baadiyyaa, Gochaalee Kontiroobaandii, malaammaltummaa, daddabarsa namoota seeraan alaa fi maallaqaa akkasumas yakkoota biroo ittisuu fi to’achuun nageenya ummataa kabachiisuun murteessaa ta’uu bal’inaan mari’atamuu dubbatan.
Saamicha, ugguraa fi yakkoota iddoolee adda addaatti raawwataman karaa guutuu ta’een to’achuun barbaachisaadha jedhan. Qaamoleen nageenyaa ummata waliin qindaa’uun gochaalee akkasii qolachuu fi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan hubachiisan.
Nageenya naannawaa hojiilee bu’uuraalee misoomaa, iddoolee Albuudotaa, Indaastiriiwwanii, naannawaa manneen jireenyaa fi bakkeewwan tajaajila ummataa eeguun hojiin hundi gufuu tokko malee akka raawwatan tumsi dhaabbilee nageenyaa fi hawaasaa murteessaa ta’uu mari’achaan ka’uu eeran. Fedhiin, qophummaa fi dandeettiin ummanni nageenya isaa kabachiisuuf qabu yeroo gara yerootti cimaa dhufuu gamaaggamameera jedhan.

Aadaa fi Duudhaalee ummataa fayyadamuun qaamolee hidhannoon socho’an gara daandii nageenyaatti fiduuf hojjetamaa jiraachuu kaasan. Qaamoleen nageenyaa hojiilee nageenya mirkaneessuu hojjetaniif deeggarsi odeeffannoo fi Loojistiiksii kennamaa jiraachuu dubbatan.
Dandeettii ummataa kana caalmaatti gabbisuun nageenya waareesuun murteessaa ta’uu xumura marichaarratti kallattiin kaa’amuu ibsan. Qaamolee miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun imala Badhaadhina Itiyoophiyaa gufachiisuuf socho’an xiyyeeffannoon hordofuun barbaachisaa ta’uus ka’eera jedhan.
Dhaabbileen Nageenyaa faayidaa Biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf qophummaa olaanaa qabaachuu gamaaggamameera. Dhaabbileen nageenyaa yeroo madaalanii fi duudhaalee heera mootummaarratti hundaa’uun ijaaramaa jiraachuu mirkanaa’eera jedhan.

Ijaarsi kun hojii idilee ta’uun yeroo kamiiyyuu, eessattuu, haala kamiiyyuu keessatti dhaabbilee nageenyaa qophii ta’an ijaaruun akka itti fufu kallattiin kaa’amuu ibsan.
Dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa birmadummaa, bilisummaa, daangaa, nageenyaa fi Imala Badhaadhina biyyaa kabachiisuuf dandeettii fi ga’umsa qabaachuu mirkanaa’uu eeran.