Nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf hojiiwwan hirmaannaa uummaafi qindoomina qaamolee nageenyaatiin hojjetamaniin uummanni abbummaan nageenyasaa eeggachuu eegaluusaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru.
Aadde Adaanech Abeebee gabaasa raawwii hojii Bulchiinsa Magaalaichaa kan bara bajataa 2017 mana marichaaf dhiheessaniiru.
Nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf raayyaa nageenyaa gurmeessuufi qaamolee hawaasa garagaraa hirmaachisuun hawaasni abbummaan nageenyasaa eeggachaa jira jedhan.
Poolisii Magaalichaa dabalatee qaamolee nageenyaa kanneen biroo hirmaachisuunis nageenyaafi tasgabbii magaalichaa eegsisuun danda’ameera jedhan.
Hojiiwwan qindoominaan hojjetamaniin iddoowwan dawoo yakkaa tahan qulqulleessuun, yaaddoowwan nageenyaa ittisuun danda’ameera jedhan.
Daddabarsa maallaqaa seeraan alaa, sanada sobaa qopheessuu, yakkoota gurguddoofi xixiqqaa ittisuurratti hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamuu kan kaasan kantiibaa Adaanech Abeebee nageenyaafi tasgabbii dhaabbilee barnootaa eeguun, walitti bu’iinsa yaaddoo nageenyaafi tasgabbii ta’an ittisuurratti hojji gaariin hojjetamuu himan.
Bara baajatichaatti qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uu gochoota yakkaa kuma 11 fi 517 adda baasuun, hojiin ittisuufi tarkaanfii fudhachuu raawwatamuu dubbataniiru.
Nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetamaniin magaalattiin konfaransiiwwaniifi yaa’iiwwan gurguddoo biyyaalessaa, aardiifi idil addunyaa gahumsaan keessummeessuu akka dandeesses eeraniiru.