Mootummaan naannoo Itoophiyaa Kibbaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 990f dhiifama taasiseera.
Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Xilaahun Kabbadaa sirreeffamtoonni seeraa ulaagaa labsii dhiifamaa mootummaa naannichaa guutaniif dhiifamni taasifamuu himan.
Sirreeffamtoota seeraa dhiifamni taasifameef 990 keessaa 985 dhiifama guutuun kan gadi lakkifaman yoo ta’u sirreefamtoonni 5 immoo yeroon adabbii hidhaa kan hir’ifameef ta’uu ibsaniiru.
Sirreeffamtoota seeraa carraa dhiifamaa argatan keessaa 73 dubartoota yoo ta’an 917 dhiirota ta’uu waajjira Pirezidaantii mootummaa naannichaarraa odeeffanne.
See insights and ads