Nama gatamaa Waaqayyootu waama – Keevin Diibrooniy

You are currently viewing Nama gatamaa Waaqayyootu waama – Keevin Diibrooniy

AMN PLUS Caamsaa 13/2017

Dhalataa Beeljiyeem Keevin Diibrooniyiti.

Reefuu umrii ijoollummaa isaatti rakkinni itti wal jijjiireera.

Maatii harka qalleeyyii irraa dhalachuun isaa achumaa dubbii itti jabeessuu maddeen oduu idil addunyaa dhimmoota ispoortii qaaccessan waa’ee taphichaa katabaniiru.

Haata’uuti garaa maatii tahee ofii waan nyaachisan dhabanis dhaabbileen hojii tola ooltummaa irratti fuulleffatan akka fudhatan guddisan taasisaniiru.

Dhaabbileen akkasii argamanis Keevin Diibrooniyiif toora qabachuu hindandeenye.

Inumaayyuu yeroo muraasaan booda akka baasan gatan seenan durduubee taphichaa addeessera.

Ammoo dubbii rabbiif safuudha. Mucaan gaaddisa jalatti boqotu dhabe bultii keessa dadhabbii yeroo dheeraan duuba ija kilaba Cheelsii seene.

Garuu Diibrooniyiin ganamuma carraan waliin hinturre fakkaata.

Leenjisaan kilaba Cheelsii yeroo sanaa Jozee Mooriniyoon ati gahumsa hinqabdu jechuun akka kilabicha gadi lakkisu jecha tokkoon gaggeessan.

Taphatichi kaayyoo malee nama hinqabu ture.

Gara Buundesligaa Jarman imaluun Woolvizburgi keessatti 2ffaa dhalachuuf carraa argate. Seenaan Keevin Diibrooyin asii jalqabe yoo jenne salphata.

Namni tuffatame miila qajeele jechuudha. Iji hawaasa ispoortii idil addunyaas gara isaa mil’achuu eegale.

Yeroo tokko taphataa cimaa Buundesligaa Jarman tahunis filatame.

Warri kaleessa hindandeessu jedhan eessa haa deeman?

Keevin Diibrooyiniin carraa fuula biroo gahumsa olaanaa qabuun liigii keessatti tuffatame pirimeerliigiitti deebi’uun Maanchistar Siitiif mallatteessuu argate.

Imala waggoota 10 keessatti Maanchistar Siitii waliin waancaa hinfudhatiin hinqabu.

Taphataan cimaa Diibrooyiniin maqaa isaa ijaarrate dhufee mana warra Siitiis akka jiiguu hindandeenyetti sirriitti ijaaruun amma dirqama isaa waggoota 10 xumuruun deeggartoota Maanchistar Siitiifi hawaasa ispoortii idil addunyaan eebba carraan ammas siif haa qajeeltu, karaan dugda hindaaqqoo siif haa taatu jedhu argateera.

Nama uumaan dubbii toora qabsiiseef Keevin Diibrooyiniin lafa gatame kahee addunyaa raajeffachiisuun 2ffaa dhalate yoo jenne nama hindinqu.

Iddoosaa Abdiitiiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply