Namni Adamsamaa turan pirezidaantii ta’uun Waayit Haawusiin daawwachuuf

You are currently viewing Namni Adamsamaa turan pirezidaantii ta’uun Waayit Haawusiin daawwachuuf

AMN PLUS- Onkoloolessa 24/2018

Pirezidaantiin Sooriyaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waayit Haawusitti daawwanaa taasisuun Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin mari’achuufi jedhame.

Associated Press Bulchiinsa Tiraamp irraan odeeffannoo argadhe jechuun tamsaaseen “Pirezidaantiin Sooriyaa Ahimad Alshaaraa torban tokko booda Waayit Haawusitti argamuun ni daawwatu” jedheera.

Alshaaraan sirna bulchiinsa maatii Asaadiin wagga 50 guute buusuun erga aangootti dhufanii as bara darbe baatii Caamsaa keessa Saawudi Arabiyaatti Tiraamp wajjin wal arganii mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Nama qabeef Doolaara Miliyoona 10’tu kennama jedhamanii adamsamaa kan turan, pirezidaantiin Sooriyaa har’aa Alshaaraan biyya waggoota 11 waraana wal waliinii keessa turte tasgabbeessuuf tattaafachaa jiru.

Pirezidaantichi hariiroo dippiloomaasii Sooriyaan biyyoota lixaa wajjin qabdu fooyyessuuf hojjataa kan jiran yoo ta’u, qoqqobbiiwwan akka ka’aniifi qabeenyi Sooriyaa bahee ture akka deebifamuuf hojjataa akka jiran gabaafameera.

Waggaa 25 dura, Pirezidaantiin Sooriyaa Hafiiz Asaad gita isaanii Biil Kiliintan wajjin erga wal arganii booda, Alshaaraan pirezidaantii jalqabaa Waayit Haawusiin daawwachuuf jiran akka ta’an ibsameera.

Turtii Waashingatanitti taasisaniin dhimma Garee IS Sooriyaafi biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti bifa haaraan of gurmeessaa jiruu irratti mari’achuun haala ittiin Ameerikaa waliin ta’uun lolan irratti waliigaltee waraanaa mallatteessu jedhamee akka eegamu AP’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply