“Namni mul’ata qabu waan hojjetu hin dhabu!” Dargaggoota Magaalaa Shaambuu

You are currently viewing “Namni mul’ata qabu waan hojjetu hin dhabu!” Dargaggoota Magaalaa Shaambuu

AMN PLUS – Sadaasa 14/2018

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Dargaggoonni Magaalaa Shaambuu Waldaan gurmaa’aan mul’ata qabaannaan hojiin hin dhibu jedhan.

Magaalichaatti dargaggoonni IMX gara investmantiitti seenan fayyadamaa jiraachuu himaniiru

Kantiibaan magaalattii obbo Nagaroo Bantii dargaggoonni gara Addunyaa hojiitti akka galaniif waggaa waggaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojii hojjetameeniis ilaalchi dargaggoonni Magaalichaa hojiif qaban jijjiiramuufi yaanni hojjannee ni jijjiiramna jedhu dabalaa dhufuu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan magaalichatti waldaan IMX 15 ta’u yeroo ammaa kana gara Investimentiitti ce’uun sosochii investimentii keessa galanii jiraachuu dubbachuun, waldaaleen IMX 10 immoo qabatamaan hojiitti galanii jiraachuu ibsaniiru.

Waldaaleen kunneen yeroo ammaa kana gamoo abbaa darbii 4 olii ijaaruun hojii hojjechaa kan jiran ta’uu himuun,waldaaleen IMX kun hojii dhabaa Magaalichaa biroo hedduuf carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuus dubbataniiru.

Magaalichatti fedhiin waldaan gurmaa’anii hojjechuu dargaggootaa dabalaa jiraachuufi kilaastera horsiisaafi furdisa loonii, horsiisa lukkuufi oomisha aannanii irratti gurmaa’anii hojjechuuf jiran gara namoota kuma 5 hojiitti galchuuf adeemsa irra jiraachuu eeraniiru.

Kanaafis deeggarsi faayinaansii, iddoon oomishaafi gurgurtaa sheediwwan 20 ol Qarshii miiliyoona 20 oliin ijaaramaa jiraachuu ibsuun, bara kana waldaalee IMX ijaaramaniif gara Qarshii Miliyoona 20 olii liqaaf qopheessanii jiraachuu obbo Nagaroon himaniiru.

Leenjii qorqalbii waldaalee kanaa jijjiiruufi beekumsa isaanii gabbisu akkasumas jiruufi jireenya isaanii jijjiiruu danda’u kennamaa jiraachuus himuuniiru.

Giddu galli kilaastera mukaafi sibiilaa, gaarmentiifi maashinii gurguddaa ijaaramee xumuramuun eebbifamee hojii keessa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalichatti dargaggootni waldaan ijaaramanii hojjechaa jiranis yaada kennaniin namni mul’ata qabu waan hojjetu kan hin dhabneefi waan xiqqaa irraa ka’ee waan guddaarra ga’uu kan danda’u ta’uu himuun, kan qarshii fidu mul’ata malee qarshiin mul’ata fiduu waan hin dandeenyeef dargaggoonni tasgabaa’uun karooraafi mul’ata horachuun kaka’umsa akka qabaatan dhaamaniiru. BKO irraa odeeffanne

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply