Namoonni Tiiktookii fayyadamuun walitti bu’iinsa kakaasuuf yaalan 5 to’annoo jala oolan

You are currently viewing Namoonni Tiiktookii fayyadamuun walitti bu’iinsa kakaasuuf yaalan 5 to’annoo jala oolan

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

‎Miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun qaamolee nageenyaa Magaalaa Finfinnee booressuuf yaalaniif obsa akka hin qabne Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee beeksisee jira.

‎Nageenya uummataa kabachiisuuf hojii qindoominaa hojjetameen hammantaa yakka uumamaa turanii dhibbantaa 43’n hir’isuun akka danda’ame qajeelchi kun ibsee jira.

‎Tibbanas yaaddoo nageenyaa uumuuf yaadanii tiktookii fayyadamuun odeeffannoo addaddaa qoodaa kan turan Kirubeel Malaakuu, Ahimad Shaahir, Mikaa’el Abiyyi, Barakat Daani’eel fi Abiyyuu Daggaaraga kan jedhaman namoota shan to’annoo jala oolcheera.

‎Namootni kunneen Tiiktookii fayyadamuun nagaaf tasgabbii magaalaa Finfinnee jeequuf socho’aa turuu Poolisiin ibseera.

‎Yakki raawwatame harkaa fi harkatti akka qabamu dandeettiin hawaasichaa guddatee poolisiif kallattiin toorri ittiin odeeffannoo kennan mijaa’aa akka jiru Qajeelchi Waliigalaa Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

‎Gochaawwan kana fakkaatan magaalaa Finfinnee keessatti namoota raawwatan irratti tarkaanfii akka fudhatu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalichaa ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply