Inisheetiiviin qonna magaalaa lammiilee miiliyoona 1 caalan fayyadamoo taasisuu Komiishiniin Qonnaan Bultootaafi Misooma Qonna Magaalaa Finfinnee Ibseera.
Komiishinichi waltajjii qorannaa raawwii hojii bara baajataa 2017 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin adeesiseera.
Komiishinar Komiishinii Qonnaan Bultootaafi Misooma Qonna Magaalaa Finfinnee Komiishinar Baayyuu Shugguxee waltajjicharratti ergaa dabarsaniin inisheetiviin qonna magaalaa roga maraan bu’aa qabatamaa galmeessuu ibsaniiru.
Komiishinarichi inisheetiviin qonna magaalaa lafa xiqqoo irratti misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuufi faayidaa dam-daneessa qabaachuu kaasanii jiraattotni magaalatti lakkoofsan miiliyoona 1 caalan irra fayyadamus hubachiisaniiru.
Tsahaay Zawudeetuu gabaase