Obbo Adam Faaraah Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atn

AMN- Mudde 14/2017

Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Chaan Haayin waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis fayyadamummaa waloo bal’isuu, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii cimsuu fi filmaatawwan invastmantii bal’isuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Maricharratti Obbo Adam Faaraah, michummaa baroota dheeraa Itoophiyaa fi Chaayinaa daran cimsuun akka itti fufuuf Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu, tumsi Paartii Komunistii Chaayinaas dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Kanaan dura paartiileen lameen leenjii fi muuxannoo waljijjiirraa irratti hojjechuuf waliigaluus yaadachiisaniiru.

Fuuldurattis hariiroo paartii fi paartii sagantaalee leenjii fi muuxannoo waljijjiirraan cimee akka itti fufu fedhii Paartii Badhaadhinaa ta’uu ibsuu ragaan Paarticharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Chaan Haay gama isaaniin Itoophiyaan michuu Chaayinaa cimtuu ta’uu kaasanii, hariiroon paartiilee lameen gidduu fi michummaa mootummaa jiru sadarkaa fooyya’aatti dagaagsuuf mootummaan isaanii ciminaan kan hojjetudha jedhan.

Kanaafis Itoophiyaan miseensa BRICS ta’uun carraa bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen Ankaaraas fayyadamummaa waloo biyyoota lameen gidduu akka mirkaneessu kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply