AMN PLUS, Guraandhala 12, 2017
Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyehu Tashaagar jila Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Raashiyaa Vaalantiinaa Maativiiyeenkooniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Itoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo aadaa fi seenaa yeroo dheeraa akka qaban kan dubbatan Obbo Aganyehu, hariiroon kun yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa hariiroo tarsiimawaa biyyoota lamaanii jabeessuuf qophaa’aa ta’us mirkaneessaniiru.
Jilli daawwannaa hojiif Finfinnee dhufe kun Ministira Muummee Abiy Ahimad wajjin mar’achuun isaa ni yaadatama.
Manneen Maree lamaanis sanada waliigaltee walii mallatteessanii turan.