“Obboeessi kiyya Abiyyi Ahimad Itoophiyaanota qofaaf osoo hin taane Afrikaanota maraaf haamileedha- Wiliyaam Ruutoo

You are currently viewing “Obboeessi kiyya Abiyyi Ahimad Itoophiyaanota qofaaf osoo hin taane Afrikaanota maraaf haamileedha- Wiliyaam Ruutoo

AMN PLUS- Qaammee 4/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Hidhaa Haaromsaa dhugoomsuun injifannoo yeroo hundaa yaadatamu kana milkeessuu isaaniin Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon galateeffatan.

Hidhi haaromsa guddichi pirojektii Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan ardii Afrikaa akka ta’e Mr. Ruutoon ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itoophiyaa anniisaa haaromfamaa kan humna ibsaa ardii Afrikaaf maddisiisu akka ta’ees dubbataniiru. Ardii Afrikaatti hanga ammaatti ummanni miliyoona 600 ta’u humna ibsaa waan hin arganneef rakkachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Baay’ina ummataa saffisaan dabalaa deemeen, baballinni magaalootaas daran dabalaa dhufuu akkasumas fedhiin humna ibsaa barbaaduu akka dabalee Ruutoon himaniiru. Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa kunis hanqinoota humna ibsaa ardii Afrikaa akka furu abdiin guddaan jiraachuudha Pirezidaantin Keeniyaa kan ibsan.

Keeniyaan humna ibsaa kiiloo Waattii 2000 Itoophiyaarraa fudhachuuf waligaltee akka mallatteessite Pireezidaantiin kun dubbataniiru. Humni ibsaa kunis fageenya kiloomeetira 1045 dheeratuun Itoophiyaa fi Keeniyaa humna ibsaatiin akka wal quunnamsiisu Ruutoon himaniiru.

Keeniyaan humna ibsaa barbaaddu kana argachuuf humna ibsaa hidha haaromsaa guddicharraa maddu kana fudhachuuf Ruutoon Dooktor Abiyyi waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Carraa humna ibsaa oollaa keenya Itoophiyaarraa argachuun guddina Keeniyaa sababa humna ibsaatiin harkifate dhibbantaavakka jijjiiru Pirezidaantin Keeniyaa himaniiru. Hammantaa kanas Bara 2030tti dhibbantaa 100tti guddisuuf sochiin amma Itoophiyaan dhiyeessii humna ibsaatiin agarsiisaa jirtu abdii guddaa akka qabu eeran.

Injifannoo yeroo hundaa yaadatamu kana milkeessuu isaaniin Pireezidaanti Ruutoon Dr. Abiyyi Ahimadiin galateeffataniiru.

“Obboeessi kiyya Abiyyi Ahimadi ummata biyya isaa qofa osoo hin ta’in ummata ardii Afrikaa hundaafuu hamilee waan kennaniif galata qabu” jedhan Pirezidaantiin Keeniyaa kuni. Hojiin sirriin Dooktar Abiyyi jalqaban kun itti fufuu akka qabu Wiliyaam Samooyi Ruutoon ibsaniiru. Kun immoo akka danda’amuu hidha haaromsa guddicha Itoophiyaarraa akka mirkaana’es ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply