Obomboleettiin rooba cimaa makate Ragaasaa jedhamu kun Taayiwaanitti namoota 17 ajjeesuun gara Chaayinaatti kan darbe yommuu ta’u hanga ammaatti namoota Miliyoona Lamatti dhiyaatan qe’ee isaanii irraa buqqiseera.
Chaayinaa Kibbaatti, lafa fottoqsuun ammumaa isinitti dhufe ergaa jedhu waan dabarsu kan fakkaatu Ragaasaan akeekkachiisa cimaa jiraattotaaf dhaamuutu himame.
Taayiwaanitti kaleessa irraa eegalee namoota 17 ajjeesuu irra darbee, hedduun kan madaa’an yoo ta’u, bakki isaan ga’an kan hin beekamne ammoo hedduu ta’uu ibsameera.
Balaa lolaa obomboleettii rooba cimaa makate “Ragaasaa” sa’aatii Tokko keessatti Kiiloo Meetira 240 ol kaatu kanaan uumameen Bulchiinsi Chaayinaa Kibbaa Guwaandoong yaaddoo hamaa uumeera.
Obomboleettiiwwan waggaa kana keessa uumaman keessaa isa balaafamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e moggaasa “Mootii Obomboleettii” jedhu argateera.
Qaamoleen nageenyaa bulchiinsichaa jiraattotni akka manaa hin baaneefi eeggannoo akka taasisan ergaawwan akeekkachiisa kennaa jiru.
Taayiwaanitti ammoo sochiin namoota badan barbaaduufi bu’uuraalee misoomaa manca’an qulqulleessuu akkasumas bakkatti deebisuu hojjatamaa akka jiran BBC fi Xinhua’n gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin