Ogeeyyii miidiyaa ciccimoo kanneen waliin hojjechuun baay’ee nama gammachiisaa jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa.
Ogeeyyiin miidiyaa rakkoolee jirus danda’anii waan qabanitti fayyadamuun hojiin isaan hojjetan bu’aa gaarii akka galmeessinu nu taasiseeras jedhan.
Beekamtiin addaa barana argannee ittiin badhaafamnes hojii ogeeyyiin kunneen hojjetaniin akka dhufe ta’uus obbo Kaasaahun eeraniiru.
Fuula durattis rakkoolee jiran furuun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an daran galmeessuuf kutannoon ogeessota AMN murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Akkuma kana duraa wal-danda’uun, wal-jaalachuun milkaa’inni AMN akka dhugoomu taasisuun hojjetaa hundarraa kan eegamu ta’uu dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin