Magaalaa jireenya harka qalleeyyii jijjirtu uumuuf hojjechaa jirra- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

You are currently viewing Magaalaa jireenya harka qalleeyyii jijjirtu uumuuf hojjechaa jirra- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qirqoositti mannen harka qalleeyyiif ijaaraman dabarfaman.

Manni jireenya kuni Deeggarsa Mootummaatin fi Dhaabbata Beeksisaa Mark jedhamuun akka ijaarame ibsameera.

Manni jireenyaa kun Gamoo abbaa Darbii tokkoo yoo ta’uu, maatii 10f kan ijaarameedha.

Kantiibaa Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Hojii Intarpiraayizii fi Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, xiyyeeffannoon keenya harkaa qalleeyyiif Magaalaa mijattuu uumuudha jedhan.

Abbaan Qabeenyaa Dhaabbata Beeksisaa Mark Obbo Marqoos Abbabaa baasii birrii miiliyona 6.5 mannen harka qalleeyyii kana kan ijaarsisan ta’uu ibsaniiru.

Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review