Oomishaa biyya keessaa fayyadamuun jaalalaa biyyaa mul’isa- Dr. Abdulhakiim

You are currently viewing Oomishaa biyya keessaa fayyadamuun jaalalaa biyyaa mul’isa- Dr. Abdulhakiim

AMN PLUS – Hagayya 21/ 2017

Oomishaa biyya keessaa fayyadamuun jaalalaa biyyaa kan mul’isuufi birmaadummaa dinagdee biyyaaf murteessa ta’uu Deetaan Ministira Ministeera Daldalaafi Waliitti Hidhaminsa Naannawaa Dr. Abdulhakiim Muluu himan.

Torbeen daldalaa “Kan Itoophiyaa haa binnu” jedhu Hagayyaa 24 -29 bara 2017 kan gaggeeffamu ta’u ibsa miidiyaaf kennaniin ibsaniru.

Torbeen daldalaa akka naannooleefi Bulchiinsaa magaalotaatti gaggeeffamaa kan ture ta’uu yaadachiisuun akka biyyaatti ammoo Hagayyaa 24-29tti gaggeeesssuf qophii gahaan taasifamera jedhan Deetaan Ministira Ministeera Daldalaafi Waliitti hidhaminsa Naannawaa Dr Abdulhakim Muluu.

Torbeen daldalaa qophaa’uf jedhu kun baazaariifi agarsisa, marii paanaaliifi sagantaa beekamtiifi badhaasaan kan gaggeeffamu ta’uu eeraniru.

Baazaariifi agarsiisni qophaa’uuf jedhu kanaa irratti dhaabbilee 168 ol kan hirmaatan yoo ta’u oomisha qonnafi indaastirii naannooleefi Bulchiinsaa magaalotaa irra dhufaniin kan dhiyaatu ta’uu himaniru.

Oomishala biyyaa keessaa fayyadamuun jaalalaa kan mul’isuufi birmaadummaa dinagdee biyyaaf dhimmaa murteessaa ta’uus Dr. Abdulhakiim Muluu himaniru.

Dirribaa Yaadataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply