Oromiyaan seeftiineetii keessaa ba’ee lafa hektaara miiliyoona 8 ol qamadii qofaan misoomsaa jira- MM Abiyyi Ahimed (PhD)

You are currently viewing Oromiyaan seeftiineetii keessaa ba’ee lafa hektaara miiliyoona 8 ol qamadii qofaan misoomsaa jira- MM Abiyyi Ahimed (PhD)

‎AMN PLUS-Onkoloolessa 20/2018

‎Naannoon Oromiyaa damee qonnaan diinagdee guddisuuf lafa bal’aa, humna hojjetu hedduufi lageen hedduun badhaatuu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) himan.

Dooktar Abiyyi naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sassaabbii qamadii gannaafi jalqabbii misooma qamadii bonee eegalchiisaniiru.

‎Kanaan dura qabeenya Oromiyaa sirnaan fayyadamuu waan hin dandeenyeef godina hedduun seftineetiidhaan jiraataa akka ture kaasanii, Shawaa Bahaas walakkaan seftineetiidhaan akka jiraataa ture kaasaniiru.

Hojii xiiqii hojjetameen Oromiyaan seeftineetiin gargaaramuu keessaa bahaa jiraachuu himan.

‎Bara kana Oromiyaan paampii Kuma 100 ol , tiraakteera Kuma 10 ol akkasumas kombaayinarii gara 700 akka jiran kaasanii, kombaayineriifi kilasteraan misoomsuun gaafa baay’atu yeroo gabaabaa keessatti haamanii galchuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

‎Bara kana waqtii gannaatti Oromiyaan qamadii qofaa lafa hektaara Miliyoona 4.1 irratti misoomsuu eeruun, bona kan qophaa’ee jirus heektaara Miliyoona 4.5 ta’uu himan.

Walumaa gala lafa heektaara Miliyoona 8 ol qamadii qofaan misoomsuun oomishtummaan biyyattii akka dabalu himan.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply