Naannoo Oromiyaa keessatti humnoota daandii badiisaa filatanirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu Biiroon Nagaafi Tasgabbii Naannichaa beeksiseera.
Hoogganaan Biirichaa Komishinara Jeneraal Araarsaa Mardaasaa waggoota darban keessa naannoon Oromiyaa haala nageenyaa rakkisaa keessa akka ture yaadachiisuun Amma garuu qindoomina humnoota nageenyaa naannoo, federaalaafi uummataan haalli nageenyaa fooyya’aa tahe jiraachuu beeksisan.
Tarkaanfii humnootni nageenyaa, humnoota badii irratti fudhataniin bu’aan argameera kan jedhan Komishinarri Jeneraal Araarsaan, miseensotni garee badii tarkaanfii kana ofirraa ittisuun dandeenye hedduun harka isaanii kennachuun daandii nagaatti deebi’aniiru jechuun ibsanii jiru.
Mootummaan humnoota nagaa filatanii gara nagaatti dhufaniif carraa kennuudhaan, kanneen daandii diigumsaa filatanirratti ammoo tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufa jedhan, Komishinarri Jeneraalaa Araarsaan.
Dabalataanis, haala nageenyaa guutuu Oromiyaa keessatti fooyya’aa dhufeen sochiin diinagdee fi hawaasummaa guutuun godinaalee hunda keessatti akka adeemsifamaa jirus himuu EPA’n gabaaseera