AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Mohaan Laal jedhamu. Indiyaa Bulchiinsa Gaayaa, Ganda Konchii keessa jiraatu.
Maanguddoon ganna 74 kun akka aadaa biyya isaaniitti uffata adiitiin maramanii saanduqa reeffaa keessa kaa’amaniiru.
Sirni awwaalcha isaaniis yeroo muraasa booda gaggeeffama. Saanduqni reeffaa isaanii abaaboon faayamee, bakki awwaalchaas sirnaan miidhageera.
Akka aadaa Hindootaatti awwaalchaaf waan barbaachisu hundumaa qophaa’ee sa’aatii qofaatu lakkaa’amaa jira.
Maatii, firaafi hiriyaan, kan isaan beekus kan isaan hin beeknes walitti qabameera. Waan dhibamuu isaanii osoon dhaga’amin waa’een du’a isaanii kan isaan naasise akkuma jiran hundaa kan isaan dinqisiises hin dhabaman.
Miseensi Humna Qilleensaa Indiyaa yeroo sooruma isaanii haalaan bareechanii itti dhimma bahaa turan kun jidduutti saanduqa reeffaa keessaa ol jedhanii, asiifi achi ilaaluun namoota isaan gaggeessuuf dhufan ilaalan.
Ilaalanii hin cal’ifne ykn deebi’anii hin ciisne. Saanduqa keessaa bahanii asiifi achi deemanii haasa’uu eegalan malee.
“Jarana ani kanan sirna kana qopheesse du’ee osoo hin taane, osoon lubbuun jiruuni. Eenyu sirna awwaalcha koo irratti argama, eenyutu ammoo hin argamu, eenyutu waa’eekoos dhiphata waan jedhu adda baafachuufi” jedhan.
Abbaan Ijoollee lamaa kun sagalee isaanii ol fuudhuun itti fufan. ”Du’a booda namootni saanduqa reeffaan baatanii isin awwaalu. Ani garuu osoon lubbuun jiruu namootni kabajaafi jaalala naaf qaban akkaataa itti ibsan taajjabuun barbaade” jechuun sababaa itti waan ajaa’ibsiisaas naasisaas ta’e kana raawwatan himaniiru.
Ganda isaanii keessatti keessumaa waqtii gannaatti rakkoo yeroo awwaalchaa jiru xiqqeessuuf hawaasa naannoof ofuma isaanii iddoo awwaalchaa gaarii ta’e ijaaruun namni beekaman kun eenyuutti haaloo qabatanii eenyuun akka galateeffatan ilaalchisee gabaasni Oddity Central fi The Telegraph waan jedhe hin qabu.
Hangam gochi isaanii kun rifaasisaa tahus dhuguma, “malli ittiin kanarra beekan jiraatinnaa laata?” jechuun wal nama gaafachiisuu isaa Oddity Central fi The Telegraph hordoftoota isaanii biraan gahanii jiru.
Erga darbee waliin boo’uu irra jiraatti wal gargaaruufi wal bira dhaabbachuun duudhaa jajjabeeffamu ta’uun kan wal nama gaafachiisu miti.
Isin hoo maal jettu? Yaada keessan nuuf qoodaa.
Malkaamuu Abbabaatiin