AMN PLUS_Guraandhala 24_2017
Taphataan Maanchistar Yuunaayitid duraanii Ruuniin
tapha FA Cup Maanchistar Yuunaayitid Fuulahaamiin injifatame booda yaada yoo kennu Maanchistariif mallatteessuun amma kufaatidha jedhe.
Shaampiyoonaan marsaa 20 Pirimeerliigii Ingilaandii fi injifataan Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa yeroo sadii Maanchistar erga waancaa liigichaa injfatee waggaa 12 gaheera.
bara kana ammoo inumaayyuu waancaaf morkachuu caalaa hireen Shaampiyeenshiippitti gadi bu’uu akka isa hin muudanneef gabatee liigichaa 15 ffaa irra taa’ee carraaqaa jira.
Kufaatii kilaba isaa kana kan taajjabe Ruuniin maanchistar waancaa injifachuuf baajata dabalataa isa gaafata jedha.Kana qofaan bira hin dabarre garee isaa maqaa itti horate kanaaf osoon taphataa ta’ee hin mallatteessus yaada jedhu itti dabale.Ruuniin yaada kana kan kaase leenjisaan amma kilabicha leenjisaa jiru Ruubin Amoorim bakka itti kaayyoon keenya waancaa Pirimeerliigii Ingilaand injifachuudha jedhettiidha.
Waayinee Maarki Rooniin Maanchistar Yuunayayitidiif taphoota 393 taphatee galchii 183 lakkoofsise.
Misikkir Alamaayyootiin