Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Ekspoo torbee daldalaa “ Kan Itoophiyaa Bitaa“ jedhuu bananiiru.
Torban Daldalaa mata duree “ Kan Itiyoophiyaa Bitaa “ jedhuun baname Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan kan qophaa’e yoo ta’uu Mandara Qulqullinaatti guyyoota jahaf kan gaggeeffamudha.
Sagantichaan Eegzibishinii fi Baazaariin oomishaalee Itoophiyaa beeksisan kan gaggeeffaman ta’uun ibsameera.
Pireezidaanti Taayyeen oomishaalee eegzibishinichaaf dhiyaatan daawwataniiru.