AMN Fulbaana 13, 2016:- Naannoo Oromiyaatti bara kana Qamadii jallisiin lafa hektaara miiliyoona 2.6 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera
Waltajjiin sosochii inisheetiivii Qamadii jallisii Oromiyaa qooda fudhattoota hirmaachise bakka Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi hoggantoonni mootummaa biroo argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.