Pirezidaantiin Faransaay duraanii Nikoolaas Saarkooziifi haati warraa isaanii shira xaxuun himatamaniiru.
Saarkooziin haadha warraa isaanii Kaarlaa Biruundii Saarkoozii waliin sababaan itti himataman filannoo bara 2007f mallaqa Pirezidaantii Liibiyaa yeroo sanii Mohaammar Gaadaafii irraa fudhachuuni jedhameera.
Haa ta’u malee yakka malaammaltummaan himachuuf ragaan dandeessisu ahin argamne.
Saarkooziin filannoo adeemsifame injifachuuf duula adeemsisaniif, pirezidaantii Liibiyaa duraanii Mu’aammar Gaadaafii irraa deggersa faayinaansii argachuufi dhabuun Wal qabate himantni irratti dhiyaate kufaa ta’us shira xaxuun himatamuun mana murtiitti dhiyaataniiru.
Manni murtichaa kanaan wal qabatee murtoo akka kennu eegama.
Saarkoziin garuu shira xaxan akka hin qabne dubbachuun “Himannaa kana duuba kaayyoo siyaasaatu jira” jedhaniiru.
Duula filannoo Bara 2007’tiif deggersa maallaqaa argachuun wal qabatees, Gaadaafiin waltajjiiwwan addunyaa irratti fudhatama akka argataniif yeroo Ministira Dhimma Biyya Keessaa turan ALA bara 2005’tti, Liibiyaa deggeruu malee yakka tokkollee akka hin hojjanne ibsaniiru.
Siyaasa Faransaay keessatti maqaa guddaa kan qaban Saarkooziin hangam illee namoota siyaasaafi bebbeekamoo biyyattiin dhiibbaa uumuun himatni kun kufaa akka ta’u carraaqanis osoo milkii ittin argatin waan hafaniif waggaa 70’tti mana murtiitti deddeebi’aa jiraachuu isaanii BBC fi Reuters gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabbaatiin