Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen sirna gaggeessaa Raayilaa Oodingaa irratti hirmaachuuf Keeniyaa seenan

You are currently viewing Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen sirna gaggeessaa Raayilaa Oodingaa irratti hirmaachuuf Keeniyaa seenan

AMN Plus- Onkoloolessa 7/2018

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee sirna gaggeessaa Ministira Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Oodingaa irratti argamuuf har’a ganama Keeniyaa Naayiroobii seenaniiru.

Pirezidaanti Taayyeen yoo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Joomoo Keeniyaataa ga’an, Ambaasaaddar Baacaa Dabalee fi anga’oota olaanaa biyyattiin simatamaniiru.

Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaatti argamu sirna kana irratti hirmaachuun anga’oota Itoophiyaa hariiroo cimaa biyyoota lamaanii akka mul’isu ibseera.

Imbaasichi Raayilaa Oodingaa diimookiraasiifi tokkummaaf cichanii qabsaa’an Raayilaa Oodingaan ashaaraa hin dagatamne kaa’anii darbuu ibsuun, uummata Keeniyaa maraaf jajjabina hawweera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply