Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Seet D.Traamp waliin wal-arguufi

You are currently viewing Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Seet D.Traamp waliin wal-arguufi

‎AMN PLUS – Hagayya 19/2017

‎Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Seet gita isaanii Doonaald Traamp waliin dhimmoota daldalaa, nageenya naannoofi waloo biroo irratti mari’achuuf jedhame.

Addatti immoo loltoota USA biyya isaanii jiranii irratti cimsanii mari’achuuf beellamataniiru.

‎Kunis erga Muummicha Ministiraa Jaappaan Shigeeruu Ishiibaa waliin Tookiyootti wal-arganii mari’atanii booda dha.

Dureewwan lameen yeroo jalqabaatiif wal argu. Keessumaa Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan misaa’elaa tibbana eegaltes qaama marii isaanii ta’uu mala jedhameera.

‎Xiyyeeffannaan marichaa inni caalu dhimma murtee taarifa Amerikaan Adoolessa darbe oomishaalee irraatti dhibbantaa 25 Kooriyaa Kibbaa irra kaa’uun yaroo muraasa booda dhibbantaa 15 tti gadi deebi’e irratti kan xiyyeeffatuudha.

‎Mariin biroo Kooriyaan Kibbaa bulchiinsa Traamp waliin cichitee hojjettu keessaa rakkoo dhimma nageenyaa ta’ee addatti immoo waa’ee rakkoo siyaasa qaxanichaa, humna galaanaa muddee keessa Pirezidaantii duraanii Yoon Suuk-Yee’oliin labsame irratti akka mari’atamu ajandaa guddaa godhachuun dubbatameera.

‎Waliigaltee baatii Adoolessaatiin Kooriyaan Kibbaa oomishaalee USA biiliyoona 100 baasan bituufi diinagdee USA keessatti doolaara biiliyoona 320 invast gochuuf waliif galan.

‎Pirezidaantichi giiftii duree isaanii fi dursitoota kubbaaniyyaa Samsung Electronics, SK Group, Hyundai Motor fi LG Group waliin gara Waashingtan balali’u.

‎Madda : Al jazeera

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply