AMN – Bitootessa 16/2017
Qaama daandii guddicha Finfinnee – Jimmaa kan ta’e suphaan daandii asfaaltii Finfinnee – Gibee sochii gaariirratti akka argamu Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa beeksiseera.
Bajata mootummaan federaalaa remade birii biiliyoona 3 oliin suphamaa kan jiru daandiin asfaaltii Finfinnee – Gibee bakka lamatti qoodamee hojjetamaa jira.
Suphaa inni jalqabaa Finfinnee hanga Laga Gibee kan jiru yoo ta’u dheerina Km 64 qaba. Magaalaa Sabbataa, Diimaarraa ka’uun hanga Magaalaa Qooraatti kan suphamu daandiin kun raawwiin isaa harka 46 irratti argama.

Suphaa daandichaa walakkeessa bara 2018 irra guutummaan xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Suphaa inni lammaffaan Magaalaa Qooraa hanga laga Gibee kan jiru yoo ta’u dheerina Km 93 qaba. Hanga ammaattis hojiin deebisanii ijaaruu Km 9 fi hojiin asfaaltii irra deebiin hojjechuu Km 15 hojjetameera.
Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa hudhaalee gama kontiraaktaraan jiran furuun, akkasumas dhimmoota rakkoo nageenyaa waliin walqabatan furuun ijaarsicha xumursiisuuf hojjechaa jira.
Sararri daandii Finfinnee – Walqixxee – Jimmaa guutummaan suphamee yoo xumuramu rakkoo sochii tiraafikaa duraan ture furuun cinaatti sochii daldalaa ni saffisiisa, baasii abbootiin qabeenyaa suphaa jijjiirraa konkolaataaf baasaa turan ni hambisa jedhamee akka yaadamu Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaarraa odeeffanne.