Pirojektonni invastimentii 300 ol godinichatti argamu

You are currently viewing Pirojektonni invastimentii 300 ol godinichatti argamu

AMN PLUS – Sadaasa 07/2018

Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa Godina Guraageetti pirojektoonni invastimentii 344 hojjetamaa jiraachuu Qajeechi Invastimeentii Indastirii Godinichaa beeksise.

Ayyaana saboota, sablammoota fi uummattoota Itoophiyaa marsaa 20ffaa Naannichaatti Kabajamuu sababeeffachuun tuutni Miidiyaalee Godinalee Naannichaa iddoowwan adda addaatti daawwannaa taasisaa jira.

Tuutni kun Godina Guraagee aanaalee garagaraatti warshaa Abaaboo, warshaa aannaanii, qonnaa kilaastera fi qe’ee qonnaan bultoota adda duree daawwateera.

Itti Gaafatamtuun Qajeelcha Invastimeentii fi Indastirii Godina Guraagee Aadde Ameteraa’uuf Huseen akka jedhanitti Godinichatti pirojektoonni Invastimeentii birri biliiyoona 9’n hojjetamaan lammiilee kuma 31oliif carraa hojii kan uuman ta’uu dubbataniiru.

Xiyyeeffannoo damichaaf kennameen yaa’iinsi Invastimentii gara Godinichatti taasifamu dabalaa jiraachuus himaniiru.

Indastiriiwwan Godinichatti argaman oomishaa biyyaa alaatii galan kan biyya keessaan bakka buusuu qofa osoo hin taanee oomishaalee alaatti ergaman oomishuun sharafaa argamsiisuu eegaluu ibsaniiru.

Mangashaa Daargeetu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply